IDA'AMUU (Medemer) - Abiy Ahmed - Livros - Tsehai Publishers - 9781599072012 - 9 de novembro de 2019
Caso a capa e o título não sejam correspondentes, considere o título como correto

IDA'AMUU (Medemer)

Preço
R$ 323,90
excluindo impostos

Item sob encomenda (no estoque do fornecedor)

Espera-se estar pronto para envio 23 de set - 5 de out
Receba avisos sobre novos lançamentos de Abiy Ahmed
Adicione à sua lista de desejos do iMusic

Ainda não avaliado

Também disponível como:

IDA'AMUU (Medemer in Afaan Oromo) is the first book by Nobel Peace Prize awardee and Prime Minister of Ethiopia, Abiy Ahmed since he came to power in 2018. In the book, the prime minister advocates for a fresh, Ethiopian-centric approach to the country's politics, citing the past half-century when previous administrations applied successful ideologies and theories from outside of Ethiopia that failed, being alien to Ethiopian problems and realities. Dr. Abiy calls for reversing the trend of importing ideologies for a renewed Ethiopian political ideology that emanates from Ethiopia's social-political context and taps into the country's historical and cultural values.

----

Kitaabni Ida'amuu badhaafamaa Noobelii nageenyaa kan ta'an Ministirii Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) erga gara aangoo Muummichaa Ministeerummaatti dhufanii kitaaba jalqabaa isaan barreessani dha. Qabiyyeen kitaaba kanaa rakkoo siyaasaa biyya Itoophiyaa furuudhaaf haala qabatamaa biyya keessaa xiinxaluudhaan yaadama yookiin falaasama siyaasaa haaraa biyya keessaa burqisiisuun akka barbaachisa fi murteessaa ta'e akeeka. Yaadamni siyaasaa nuti akkasumatti biyya alaa irraa ergifachaa turre rakkoo siyaas-diinagdee biyya keenyaaf furmaata waaraa akka hin argamsiisne muxannoon nuti akka biyyaatti jaarraa walakkaa oliif qabnu ragaa dha. Sababa kanaaf, rakkoo siyaas-diinagdee biyya Itooophiyaa furuudhaaf, kitaabni Ida'amuu aadaa fi duudhaa biyya keessaa bu'uura godhachuudhaan yaadama yookiin falaasama siyaasaa haaraa biyya Itoophiyaaf tolu kan akeeku dha.

Kitaabni kun kutaa afur (4) kan of-keessatti qabate yommuu ta'u, falaasamoota addunyaa irratti yaalaman adda addaa xiinxaluudhaan, muxannoo idil-addunyaa haala qabataamaa biyya keenyaa waliin wal-simatan irratti hundaa'uudhaan yaadama haaraa biyya keessaa burqisiisuun akka barbaachisu akeeka. Kanaaf, kitaabni Ida'amuu, akka kanaan dura biyyaa keenyatti barsiifatame qofaa qofaa keenya fiiguu irra humna, qabeenya, beekumsaa fi dandeetti qabnu mara walitti fiduudhaan dilboo yookiin horata guddaa uummachuu qabna jedhee jajjabeessa.


286 pages

Mídia Livros     Hardcover Book   (Livro com lombada e capa dura)
Lançado 9 de novembro de 2019
ISBN13 9781599072012
Editoras Tsehai Publishers
Páginas 286
Dimensões 152 × 229 × 21 mm   ·   589 g
Idioma Oromo  

Mais por Abiy Ahmed

Mostrar tudo

Mais da mesma editora